Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa fi Dhukkuba KOOVIID- 19


Oromia keessatti lakkoobsii namoota dhukkuba KOOVIID- 19n qabamnii fi du'anii dabalaa kan jiru ta'uu itti aanaa hoogganaan biiroo fayyaa Oromiyaa Obbo Darajjee Abdannaa ibsanii jiru.

Mallattoon dhukkubichi agarsiisaa ture jijjiramuun immoo dhukkubaoota biraa irraa adda baasuuf iyyu daran rakkoo uumuu isaa ka dubbatan Obbo Drajjeen Oromiyaa keessatti walii galaan namoonni dhukkuba KOOVIID - 19n qabaman 32,615 ga'u fi kanneen dhukkubichaan du'an 372 ta'u kan ibsan. Finfinneetti aanee lakkoobsa guddaa kan galmeesisaa jiru Oromiyaa dha jedhan.

Oromiyaa keessaa immo dhukkubichi heddumiinaan kan keessatti argamees Shawaa Bahaa, Godiina Arsii fi magaalaalee Oromiyaa kanneen Finfinnee marsanii jiran ta'u dubbatan.

Talaalii vaayrasii Koronaa ittisu Oromiyaa keessatti ilaalchii duraa kan kennameef hojjattoota tajaajiila eegumsa fayyaa 48,000 akkasumas namoota umriin 65 caalaa fi kanneen dhiibee adda addaa duraan qaban 10.000 walii galaan 58,000 talaalamuu ibsan.Talaaliin biyyatti seenee kan walii galaatti gara Miliyoona lamaa ta'uus ibsanii jiru.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Godaantonni Lammowwan Itiyoophiyaa 160 Tahan Yaman’rraa Xayyaaraan Finfinneetti Deebisaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:58 0:00


XS
SM
MD
LG