Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Deggersa Mootummaaf Qaban Ibsuu Itti Fufanii Jiru


Miseensota paartilee naannoo Somaalee keessa sosso'an gumii magaala Jigjigaatti geeggeeffame irratti hirmaatan

Paartileen siyaasaa mootummaa bulchiinsa naannoo Somaalee keessa sosso'an 6 Kamiisa kaleessaa magaalaa Jigjigaa gumii gaggeessaniin Addi Bilisummaa Uummata Tigraay(ABUT) tarkaanfii raayyaa ittisa biyyaa kan gama kaabaa irratti tarkaanfii fudhate jedhan balaaleeffachuun ibsa ejjennoo baasan.

Waggootii darban 27f bulchiinsa naanoo Somaalee keessattis gocha fixiinsaa gaggeessaa ture kan ittiin jedhan ABUT seera duratti akka dhiyaatu gaafatan.

Nagaa naannoo isaanii keessaa walta'anii eeguufis walii galuu isaanii Addis Chekool Dirree Dawaa irraa gabaaseera.Caqasaa

Paartileen Deggersa Mootummaaf Qaban Ibsuu Itti Fufanii Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:55 0:00


Yaadawwan Ilaali (2)

XS
SM
MD
LG