Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Dirree Dhawaa Rakkoon Nageenyaa Ennaa Filannoo Mudate Hin Turre Jedhe


Hojjattuu boordii filannoo, Jimma, Waxabajjii 21, 2021
Hojjattuu boordii filannoo, Jimma, Waxabajjii 21, 2021

Bulchiinsa Dirree Dhawaa keessatti filannoon biyyoolessaa ja’affaan nagana xumuramuu isaa boordiin filannoo dameen Dhirree Dhawaa beeksisee jira. Rakkoon nageenyaa kan hin mudanne ta’uu illee poolisiin bulchiinsichaa beeksisee jira.

Bulchiinsa dirree dhaawaa fi filannoon mana maree buakka bu’oota uummataa fi mana maree bulchiinsichaa nagana xumuramuu itti gaafatamaan boordii filannoo kan dame dirree dhawaa obbo Ziyaad Yaasin beeksisaniiru.

Obbo Ziyaad ibsa kennaniin raabsiin kaardii filannoo rakkoo murtaa’aa uume irraan kan hafe gufuun hagas jedhamu hin mudanne jedhan. Wiirtuu filannoo koternii jedhamu keessatti garuu kaardiin filannoo ganda ka biro dhufuu isaan kan ka’e, wiirtuu filannoo sana keessatti filannoon kan hin geggeessamne ta’uu isaaf murtiin boordii filannoo eegamaa akka jiru beeksisaniiru.

Kaleessa VOAn kan dubbise hoogganoonni paartilee IZEEMAA, tokkummaa fi walabummaa, Abin fi paartii Innaat ennaa filannoo uummata sagalee kennuuf ibsi kennamu irratti kanneen dubbatan raawwachiistonni filannoo ibsa paartii biyya bulchuuf baabsu kenuu isaanii boordii filannoof himanii kan dhaabsisan ta’uu dubbatan. Akkasumas jiraattonni hin galmaa’in sagalee kennuuf utuu yaalanii akka hin filanne taasisamuun kan ture yoo ta’u, obbo Ziyaad garuu komeen paartilee morkattootaa biraa dhiyaate hin jiru jedhan.

Komiishinerri komiishina poolisii Dirree Dhawaa Alemu Megraa filannoon sun rakkoo nageenyaa tokko male kan xumuramee fi komaandi poostii fi humnootii nageenyaa malee dargaggoota Dirree Dhawaa adda baasanii galateeffataniiru.

Kantiibaan bulchiisa dirree dhawaa Ahimed Mehammed Buhii kan jabanaaf naamusa kan qabu jechuun jiraattota Dirre Dhawaa galateeffataniiru. Wiirtulee filannoo 265 fi naannolee filannoo 47 Dirree Dhawaa keessa kan jiru yoo ta’u, paartii biyya bulchu dabalatee paartileen siyaasaa 10 filannoof dorgomaniiru. Ba’iin filannoo kan yeroo maxxanfamee uummati ilaalaa ture jechuun Addis Chekol gabaaseera.

XS
SM
MD
LG