Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Mootummaan Baqattoota Eertiraa Kibba Tigraay fi Naannolee Kaanitti Walitti Qabaa Jira’ Eejensii Dhimma Baqattootaa


Faayilii - Maasaa Buufata Baqattootaa Hitsaatis gubate. Suuraan gubbaa Sadaasa 22, 2020 saatelaayitiidhan kaafame. Ka jalaa immoo Sadaasa 28, 2020.

Rakkoo Nageenyaa Tigraayitti mudateen booda lammilee Eertiraa baqattummaan Tigraay Kaabaa jiraataa turan kibba Tigraayi fi naannolee biyyattii kaanitti walitti qabaa akka jiru mootummaan Itiyoophiyaa beeksise.

Lola tigraayiin booda ji’a Onkoloolessaa keessa ture Jaarmayaan Mootummootaa dhimma baqattoota Eertiraa Kaaba Tigraay jiraatan ilaaluuf garasitti kan imale.

‘Mootummaan Baqattoota Eertiraa Kibba Tigraay fi Naannolee Kaanitti Walitti Qabaa Jira’ Eejensii Dhimma Baqattootaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:40 0:00

Alasis ibsa baasee tureen, Kaaba Tigraayitti ka baqattoota Eertiraa qubachiisaa turan buufatawwan baqattootaa Shimeelbaa fi Hitsaatis jedhaman guutummaa guutuutti mancawuu, achi keessa qubatanii ka turan baqattoota kuma 20 ol keessaa kuma sagal ala eessa buutee isaan kaanii akka quba hin qabne beeksisee ture.

Eelzabeet Haasland; Itiyoophiyaatti dubbi himtuun dhaabbata baqataa UNHCR, ammas jaaramayaan isaanii waa’ee baqattoota Eertiraa Itiyoophiyaa keessa jiranii yaaddoo akka qabu VOA’f himteetti. Haasland, UNHCR baqattoota kana eessa akka jiran adda baafachuuf mootummaa Itiyoophiyaa guul hojjetaa akka jiru himtee haga yoonaa baqattoota Shimeelbaa fi Hitsaats jiraataa turan kuma 11 adda baafneerra jette.

Mootummaan Itiyoophiyaas baqattoota Eertiraa buufataalee lamaan lolaan manca’an keessa jiraataa turan adda baasee galmeessaa akka jirudha ka dubbate. Obbo Tesfaahun Goobezaay Diirektera Dhaabbata Baqataa Mootummaa Itiyoophiyaati.

Ji’oottan afran, shana darban kana baqattoota gara bakka tasgabbaawaatti dabrsaa turre jedhu yoo dubbaatan. Yoo kaampiwwan barbaadaayanirratti yaada kennanis, Kaampileen lameenuu gatii bakka sirriirratti hin ijaaraamneef buufataalee baqataa lamaan barbadaayan kana mootummaan duraanis cufuuf sochii adda addaa gochaa ture jedhu. Hitsaat, bakka gammoojjiirratti kan argamu ture, sababa hanqina bisaanii, rakkoo dhibee fi kaaniif baqattoota gargaaruuf baayyee rakkisaa ture. ‘Shimeelbaan ammo daangaa Eertiraarraa kiilomeetira 20 rratti argama; akka seera addunyaatti buufati baqataa daangaarraa xinnaatu km 50 fagaachuu qaba ture. kanaaf cufamuuf turan duraanuu, waa’ee lakkoofsa balaa kanaan wal qabatee jiruummoo dhiyootti ibsa ni laanna’ jedhu.

Obbo Tesfaahun baqattoota Maay’ Ayinnii fi Addii Haruush keessa jiraataniif gargaarsi dhiyaataa akka jiru kan ifoomsan.

UNHCR Itiyoophiyaa keessa baqattoota Eertiraa kuma dhibba 1 fi kuma 70 oltu jiru jedha. Baqattoonni kunis, Tigraay, Affaar, fi Finfinnee akka jiraatan odeeffannoon dhaaabbata baqataa mootummaa Itiyoophiyaa ni ibsa.

Mootummaan Itiyoophiyaa baqattootni Eertiraa fi kaan gargaarsa malu akka argatan yaalaan jiraa jedhus, lammileen Eertiraa baqaan Itiyoophiyaa jiraatan garuu keessumaa erga lola Tigraayii as nageenya isaaniif akka sodaatan dubbatu.

Ganna 6 oliif itiyoophiyaa ka jiraate baqataan Eertiraa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate takka, erga lolli kun mudatee as UNHCR fi mootummaa Itiyoophiyaarraa gargaarsa argachuun nutti ulfaateera jedha.

Komii baqataa Eertiraa kanaaf ka deebii kennan obbo Tasfaahun ammoo; “Walii galaan yeroo rakkoo sana waanti gargar cite ni jira. Sanaan ala garuu baqattootarraa tajaajilli adda cite hin jiru. Buufatawwan baqataarratti tajaajila kennaa jirraa, barumsis itti fufee jira’ jechuuni ka deebii kennan.

Itiyoophiyaa keessa baqattoota biyyoota 26 irraa dhufan gara miiliyoona takkaatu jiraata jedha mootummaan; isaan kunis Tigraay, Affaar, Beenishaangul Gumuuz fi Finfinnee jiraatu.

Itiyoophiyaan biyya baqattoota simattu qofaa miti; biyya baqattoota omishtullee. Fakkeenyaaf biyyoota ollaa Sudaan fi Keeniyaa keessa lammilee Itiyoophiyaa kuma 80 oltu koolu galtummaa gaafatee jiraata jedha ragaan UNHCR.

Baqattoonni dhalooteen Itiyoophiyaa kuni, akka biyya jiraataniitti rakkoo gara garaa akka qaban himu. Geetahun Isheetuu baqataa Oromoo ganna 9 oliif Naayroobii jiraatedha. Imaammanni keeniyaa baqataarratti gaggeessitu waan jijjiirameef baqattoonni rakkoo keessa jiru jedhe.

Bitootessa dabre kana ture, mootummaan Keeniyaa UNHCR sagantaa buufata baqataa biyyattii keessa jiran lamaan Dadaab fi Kaakumaa cufuu torbee lama keessatti akka dhiyeessu kan ajajee ture. Yeros manni murtii biyyattii gidduu seenuun murtee kana ji’aaf ka turse yoo tahu, booda garuu mootummaan Keeniyaa maree UNHCR waliin gaggeesse jedheen Dadaab fi Kaakumaan Waxabajjii 2022tti akka cufaman walii galleerraa jedhe.

Walumaa galatti bufata Dadaab fi Kaakumaa jedhaman keessa baqattoota kuma dhibba 4 fi kuma 10 oltu jiraatu jedha UNHCR. Baqattoonni buufata kana keessa jiraatan waa’ee murtee darbe kanaa sodaa qabnaa jedhu. Obbo Malkaa Huseen Alii dhalataa Oromoo Dadaab jiraatani; abbaan ilma takkaa Kaampiin Dadaab cufamnaan bakka dhaqaa akka hin qabne kan dubbatan.

Murtee Keeniyaan duuba, Koomishinerri Dhaabata baqataa UNHCR Filiippoo Giraandii Prezdenti Keeniyaattaa waliin dhimmuma kanarratti mariyatanii turan. Maree masaraa Keeniyaatti gaggeeffametti Fireed Maatyaang’ii ministirri dhimmi keessoo Keeniyaa, ‘buufataaleen baqataa bakka quubsumaa dhaabbataa tahuu hin qaban’ jechuun dubbatan.

Dabalaniis biyyi isaanii Keeniyaan baqattoota biyyoottan gamtaa afriikaa bahaarraa baqatanii Keeniyaa jiraniif eyyama jireenyaa fi hojii akka laattu ifoomsaniiru.

Maree kanarratis Koomishiner Giraandiin haga fuuldureen baqattoota kanaa adda bahutti mootummaa fi sabni keeniyaa tumsa isaanii akka adda hin murre gaafatanii turan. Kun haa tahu male amma haala waxabajjii 2022 booda jiru ilaalchisee baqattoota Dadaab fi Kaakumaa keessa jiraataniif waanti himame hin jiru jedhu baqattoonni fi bakka bu’aan baqattootaa.

Waxabajjii’ 20, yoo mara Jaarmayaan addunyaa guyyaa itti baqattoota addunyaarra jiran itti yaadatudha. UNHCR waajjira muummeesaa Jeeneev jirrraa kaleessa ibsa baaseen, lakkoofsi baqattootaa addaunyaarra miiliyoona 82.4 akka gahe ifoomse.

Lakkoofsi namoota namoota qe’ee buqqa’anii ka bara darbeerra dhibbeentaa dhibbeentaa afur dabaluu eeree, namoota miiliyoona 82.4 qe’ee baqatan keessaa miiliyoonni 26.4 baqattoota biyyasaaniitti deebiwuu hin dandeenye jedhe.

UNHCR keessumaa rakkoo nageenyaa Itiyoophiyaa, naannoo Saheel, Mozaambiik, Yemen, Afgaanistaan fi Kolombiyaatti mudate qofaan namootni miiliyoona 2.3 ol qe’eerraa akka buqqa’an ibsa isaan eere.

Baranas lammileen Saooriyaa, Veenezuweelaa fi Afgaanistaan biyyaa baqachuun sadarkaa 1 haga 3 ka qabatan yoo tahu, Afriikaa keessaa bara 2011 ka hundoofte Sudaan kibbaa lammileenshee kan keesaa baqatan biyya sadarkaa jalqabaarra jirtudha jedha UNHCR.

Yaadawwan Ilaali (1)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG