Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaydiin Akeekkachiisa Kennanii Jiru 


Prezidaantii Yunaaytid Isteetes, Joo Baaydin
Prezidaantii Yunaaytid Isteetes, Joo Baaydin

Raashaan weerara Yukreen irratti gaggeessite baatii tokko guutuuf yeroo jiru kanatti, haleellaa gama saaybarii dhaabattoota Amerikaa irratti rawwachuu akka dandeessuu akkasumas meeshaalee Keemikaalaa fi kanneen biroo Yukreen irratti gargaaramu akka maltu prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydin akeekkachisanii jiru.

Baaydiin hogganoota daldalaa kan Yunaaytid Isteetsiif Wiixata kaleessaa akka ibsanti, prezidaatiin Raashaa vlaadmir putiin tarkaanfii Yukreen irratti fudhateef mormii tokkummaan isa mudatuu kan hin eegne itti ta’e jedhan.

Dandeetti qaba garu itti gargaaramuu hin dandeenye.Nuu fi michoonni keenya kan addunyaa tarkaanfii irratti fudhanneef deebii kennuuf jecha Raashaan sochii ykn tarkaanfii gama saaybarii gaggeessuuf dandeetti akka qabdu akeekkachiisuun fedha jedhan.

Mootummaan Fedeeraalaa waan irraa eegamuu gochuun qopha’aa jira kan jedhan Baaydiin warri dhunfaas of-irraa ittisuuf jecha battalumatti waan barbaachiisu akka taasisan gaafatan.

Gara dhuma torban kanaatti prezidaant Baaydiin walgahii Neetoo fi kan biyyoota dureeyyii G-7 jedhamanii fi kan kaawunsilii Awuroopaa irratti argamuuf gara Braasalsitti imalu. Walgahiin kun hundumtuu haala Yukreen keessaa ilaalchisee kan dubbatu yoo ta’u sana booda Polaanditti imaluuf jiru Baaydiin.

Gama kaaniin prezidaantiin Yukreen Volodmiir Zeleniskii Televiziyoona naannoof wiixata kaleessaa akka ibsanti, putiin waliin dhimmoota adda addaa irratti dubbachuuf qophii dha.

Kunis walii galtee dhukaasa dhaabinsaa tolfachuuf akka ta’uutti, yikreen miseensa Neetoo akka hin taanee ibsuu dabalata jedhan.

XS
SM
MD
LG