Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Ertraa Daw’annaaf Sudaan keessa Jiru 


Prezidaantiin Ertraa fi Sudaan

Prezidaantiin Ertraa Isaayaas Afawarqii daw’annaa guyyaa lamaa Sudaan keessatti gaggeessan Roobii har’a itti fufanii jiru.Angawoonni Sudaan akka jedhanti prezidaant Isaayaas fi kaawunsilii Sudaaniin bulchaa jiru irraa Jeneeraal Abel-Fattaah Burhaan walta’iinsa biyyoota lameenii irratti dubbatanii jiru.

Garu Itiyoophiyaa fi Sudaan falmii daangaa qabaatanii akkasumas Ertraan loola Tigraay keessaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaa cina goruun qeeqa yeroo hordoofsisseetti daw’annaan prezidaant Isaayaas kun dhaga’ame.

Ertraan Sudaanis ta’e Itiyoophiyaa keessaa filachuu hin barbaaddu. Biyyoota lameen waliin haariroo qabaachuu barbaadii kanneen jedhan jiru.

XS
SM
MD
LG