Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Naannoo Somaalee Duraanii Mana Murtiitti Dhiyaatan


Prezidaantii bulchiisa naannoo Somaalee Duraanii Abdi Mohamed Umariin dabalatee angawoonni sadarkaa ol aanaan ka naannichaa afur yakka ajjeechaa fi ka biroon shakkamanii qabamuu isaanii poolisiin mana murtiitti iyyatee jira.

Shakkamtoonnis gama isaaniin yakki kan irratti raawwatame ta’uu isaaf mirgi wabii eegameefii akka hiikaman gaafatan. Manni murtiis murtii kennuuf beellama kennee jira.

Poolisiiin har’a prezidaantii bulchiisa naannoo Somaalee duraanii obbo Abdi Mohamed Umar, itti gaaftamtuu dhimma dubartii fi ijoollee obbo Raahimaa Mohamed, bakka bu’aa Daayspooraa naannoo obbo Abduraahimaan Amiin, itti gaafatamaa waajjira jal’isii naannoo Sanaa obbo Sulxaan Mahaammad-n ajjeechaa dabalatee yakkawwan adda addaan shakkaman jechuu dhaan mana murtii Federaalaa Lidataa dhaddacha 19ffaatti dhiyeessee jira.

Poolisiin shakkamtoonni kun yakka isaan raawwatan jedhe akka tarreessetti, maallaqa mootummaan misooma naannoo sanaaf remade, hojii hin taane irra oolchuu dhaan dargaggoota naannoo Sanaa gurmeessanii uummata naannoo sana waggoota hedduuf waliin jiraate amantii fi gosaan addaan baasuu dhaan naannoo Sanaa akka baqatan, namoonni hedduunis akka ajjeefaman godhaniiru.

Waaltaaleen daldalaa fi amantii akka gubatan gochuu akkasumas dhiittaa mirga namaa hamaan shakkamaniiru. Poolisiin dhimmi isaa jalqaba irra jiraachuu isaaf waa hedduun qoratamuu akka qaban ibsee, guyyoonni qorannaa 14 akka kennamuuf mana murtichaa gaafateera.

Prezidaantiin naannoo Somaalee duraanii obbo Abdii Mohamed Umar mana murtichaaf akka ibsanitti uummata naannoo somaalee ka miidhu waa tokko iyyuu hin raawwanne jedhan.

Prezidaantiin Naannoo Somaalee Duraanii Mana Murtiitti Dhiyaatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:44 0:00

XS
SM
MD
LG