Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dubbi Himaan Pirezidaant Puutiin Himannaan Yunaayitd Iteets Raashiyaa Irratti Dhiheesite 'Dhugaa Irraa Kan Fagaate' Jechuudhan Balaaleffatan


Faayilii - Dubbi-himaa pireezdaantii Raashiyaa Dimitirii Peskoov
Faayilii - Dubbi-himaa pireezdaantii Raashiyaa Dimitirii Peskoov

Dhaabbatni basaasaa Yunaayitid Isteets, Raashiyaan dhimma filannoo prezidaantummaa Yunaayitid Isteets keessa seentee, akka Doonaald Traamp filataman gargaartee jirti – jechuu isaa, Mootummaan Raashiyaa oduu hundee hin qabnee fi oguma-dhablee, jechuudhaan balaaleffatee jira.

Dubbi-himaan Kireeminliin – Dimitirii Peskoov, har’a ibsa kennaniin, “himannaa hundee hin qabne, kan homaa of keessaa hin qabne, kan oguma deemsa hojii naga-eegumsa of keessaa hin qabnee yokaan how’a qalbiitiin kaka’e dhihaate” jedhan.

Himannaalee akka kanaa nuffinee jirra illee – jedhanii jiran.

Hawaasni tika-nagaa Yunaayitid Isteets, “Prezidaantiin Raashiyaan – Vilaadmir Puutin, deemsa filannoo dimookiraasumama Yunaayitid Isteets cabsuuf jecha, duula kana ofumaa ajajuu isaanii ofitti-amantaa cimaa qabna – jechuun eega dubbatee booda, gama mootummaa Raashiyaa irraa deebiin dhaga’amuun kun isa duraa ta’uu isaa ti.

XS
SM
MD
LG