Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seenaa Wiiskii Jaak Daani'el


Jack Daniel's gosa dhugaatii wiskii addunyaa beekamaa dha. Hanga dhiyeenyaatti garuu dhugaatii wiskii kana jalqaba irraa kaasee kan qopheessan Netan Green kan jedhaman gurraachota garbummaan bitaman keessaa tokko akka turan kan beekan hedduu xiqqoo dha. Maqaan qaruuraa wiskii sana irraa argamu Jaak Daani’eliinis kan barsiisan Netan Green.

Akaakayyoon akaakilii Netan Greens Debbie Stples, nuti durii qabnee beekna. Akkoon keenya nutti himaa turan jette. “

“Wiskii sana kan qopheessu Jaak Daani’iliin iyyuu kan barsiise isaan turan. Namni garuu sana hin simatu ture. Nama gaddisiisa. Gurraacha sababa inni ta’eef ta’ee hin beeku egaa “jedhan.

Yeroo booda garuu seenaan sun beekkannaa argateera. Jaak Daani’eel Tenesii keessa kan jiru kampanii wuskii oomishuuf abbaa qabeenyaa kan ta’e korporeeshiniin Brawoon Forman Netaan Giriin wiskii sanaaf jalqabaa kaasee gumaacha isaan qabaniif beekkannaa kennee jira.

Kampanii sanaaf daayiktera quunnamtii sadarkaa addumyaa kan ta’an Maatt Blevins, jalqaba wiskii Jaak Daani’eels jedhamu kan qopheessan Netan Giriins ta’uun isaanii dhugaa dha jedhu.

“Seenaan kun nuti kan akkaan ittiin boonnu. Ol kaasuu dhaan bekkannaa kenninee himuu dhaafis cicha qabna. Dhuguma duraan seenaa isaa sirriitti hin dubbanne. Amma kan darbe darbee jira. Gara fuula duraatti garuu kana ni goona jedhan. “

Kanaaf Netaan Giriin, kan akkaan beekaman nama gurraacha jalqabaa wiskii qopheessan ta’anii seenaan isaanii barreeffameera. Seenaan isaa kan jalqabamu Tennesii Lynchberg kan yeroo ammaa kampaniin wuskii oomishu Jaak Daani’eel keessatti argamu keessatti.

Bara 1800moota keessa Netaan Griiin garbummaan bitanii namn turan, luba Daan Kool jedhamaniif kiraa dhaan akka tajaajilaniif kennaniif. Wuskii isaan qopheessan dinqisiifatamaa kan ture dargaggoo kan ta’an Green, luba kanaaf wiskii sana qoopheessuu qabe. Wuskii sanas kan calalu cilee muka Sugar maple jedhamu irraaa irraa ibidda argamuun akka turetu dubbatama. Ogumi sunis Afriikaa dhiyaa irraa akka dhufetu dubbatama.

Seenaa Wiiskii Jaak Daani'el
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:54 0:00


XS
SM
MD
LG