Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahiin Jijjirama Qilleensaa Irratti Dubbatu Gaggeeffamaa Jira


Walgahiin Jijjirama Qilleensaa Irratti Dubbatu Gaggeeffamaa Jira
Walgahiin Jijjirama Qilleensaa Irratti Dubbatu Gaggeeffamaa Jira

Waa’ee qilleensa naannoo irratti walgahii torban lamaaf dubbatu kan Tokkummaa Mootummootaa irratti,hogganoonni biyyoota addunyaa 100 caalaan argamanii jiru.

Qiyyaafanni isaas, aara faalamaa fi biyyonni guddataa jiran jijjiirama qilleensaan akka hin rakkannee maallaqaan utuubuu kan jedhu ta’a.

Mummichi ministeera Briiteen Booris Jaansan walgahii Glaasgoo Skootland keessaatti gaggeeffamu kana kan keessummeessan yoo ta’u, gara laafinnii akkaan barbaachisaa ta’u fi, kunis yeroo dheeraa fudhachuu isaa irratti fulleefatu jedhamee eegama.

Yoo har’a waa’ee jijjirama qilleensaa jabinaan irratti hin hojjannu ta’e bor ijoollee keenyaaf waa gochuuf yeroon hin jiru jechuun kan dubbachuuf jiran ta’u, barreefama waajiira isaanii irra ba’e keessaa hubachuun danda’amee jira.

XS
SM
MD
LG