Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hogganoonni Amerikaa fi Tarkii Dubbatan

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin gita isaanii kan Tarkii Taayip Erdogaan waliin  marii ijaaraa ta’e gaggeessuu isaanii aangawoonni Waayit Haawuus ibsanii jiru. 

Kunis walgahii biyyoota dureeyyii isa G-20 jedhamu fi Room keessatti gaggeeffamaa jiru cinatti Dilbata kaleessaa ta’uun ibsamee jira.

Amerikaa fi Tarkii giddutti, Muddamsaa fi waliigaltee dhabiinsii Tooftaa uumee kan turee yoo ta'u Prezidaant Baaydiin Tarkii waliin hariiroo ijaaraa ta’e qabaachuu akka fedhan ibsan.

Waliigaltee dhabiinsa keenya karaa danda’ameem haa furamuu jechuu isaanii angawaan gameessii bulchiinsa Baaydiin Oduu gabaastotaaf ibsanii jiru.

Angawaan kun akka jedhanti, mata duree lameenuu irratti dubbatanis, Afgaanistaan, Siriyaa, Libiyaa, qilleensa naannoo, mirga dhala namaa fi gaaffii Tarkiin dhiyeessite kan jettoota waraanaa Amrikaa F-16 jedhaman bituuf dhiyeessite ture.

Waa’ee Jeettoota waraanaa bituu kan ilaaleen wanni deemaa jiru akka jiru kan ibsan Baaydiin waan keessa darbamuu qabantu jira jechuu isaanii aangawaan dubbatanii jiru.

XS
SM
MD
LG