Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Walitti Bu’iinsa Sudaan Kibbaaf Itti Gaafataman Adabamuu Qabu: Ambasaadder Nikki Haley


Tokkummaa mootummootaatti ambaasaadderittiin US walitti bu’iinsa Sudaan kibbaa kan waggoota afuriif mootummaa biyyattiittu itti gaafatama jechuu dhaan US lol asana dhaabuuf dhiibbaa gooti jedhan.

Yoo xiqqaate xiinxaltoota keessaa tokko jecha cimaa Nikki Haley dubbatan faarsanii jiran.

US aangoo cimaa kana dura itti hin fayyadamne yeroo ammaa hojii irra ooluu qabu qabdi jedhan itti aanaa directorri garee qabsaa’ota mirgaa kan fixiinsa raawwate qoratuu kan Enough Project jedhamuu Brian Adeba.

Waraana kana dhaabuuf kan nuti jennu yoo jiraate kanneen kana keessaa harka qaban gocha isaaniif daafoo isaa dandammachuu qabu kan jedhu.

Kunis uggura maallaqaa kanneen itti gaafataman irra kaa’uu, walitti bu’iinsa kana kakaasuu isaaniin gatii baasuu qabu jedhan Adeban.

Adebaan kana kan dubbatan sagantaa VOA South Sudan in Focas jedhuf ibsa kennaniin ture.

Mootummaan biyyattii duula waraanaa kan gara jabinaa mormitoota addaan caccabanii jiran irratti oofa jechuu dhaan Ambaasaaddor Haleyn dubbataniiru. Adda addummaan jiru kan gosaa waan ta’eef gareen lamaan fixiinsa siivilota irratti oofamuuf itti gaafatamuu qabu, garuu adda durummaan ajjeechaa gosa irratti hundaa’ee geggeessamuuf mootummaan itti gaafatamuu qaba jedhaniiru.

XS
SM
MD
LG