WAASHINGITAN, DIISII —
Guyyaan “Tamboo Xuuxuun haa dhaabatu” jedhu kabajamutti, jarmayaan fayyaa addunyaa kanneen xuuxan amala isaanii akka dhiisan, kanneen tamboo hin xuuxne caalaa illee COVID-19n du’uuf carraa isaan qaban ol aanaa ta’uu akeekkachiiseera.
Qornnaan saayinsii waggoottan darban keessa geggeessaman kanneen tamboo xuuxan dhibba irraa harka shantama COVID -19n ennaa qabaman, akkaan dhukkubsachuu ykn du’aaf akka saaxilaman mirkaneesse jechuu dhaan hoogganaan sagantaa to’annaa tamboo kan jarmayaa fayyaa addunyaa Vinayaak Prasaad VOAf akka ibsaniiru.