Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Abboota Gadaa Dhaabota Siyaasaa Oromoo Gidduutti Nagaa fi Tokkummaa  Buusuuf Sochii Jalqabe


Bayyanaa Sanbatoo Roobii, dura-taa’aa Tokkummaa Abboota-gadaa fi Abbaa -gadaa Tuulamaa

Tokkummaan Abboota-Gadaa Oromoo, dhaabota siyaasaa Oromoo gidduutti nagaa fi tokkummaa uumuuf sochii jalaqabuu isaa beeksisee jira.

Kana irratti Abbaa-gadaa Tokkummaa Abboota-Gadaa Oromoo fi Abbaa-Gadaa Tuulamaa Bayyanaa Sanbatoo akka jedhanitti, Oromoon dur tokkummaan isaa jabaa ture. Garuu, sababaa cunqursaa sirna nafxanyaa baroota dheeraa uummata kana irra tureen adda qoqqoodamuun mul’ate. Uummatni Oromoo walabummaa isaa waggoota dhibbaa ol irraa jalqabee qabsoo geggeessaa jira. Dhiheenya kana immoo, dhiigni ijoollee keenyaa itti dhagala’ee bu’aa gaarii argamsiisee jira.

“Adda adda qoqqoodamuu keenyaan, injifannoon keenya akka duubatti hin deebineef jecha, dhaabota siyaasaa dantaa uummatichaatti fuuleffatanii qabsaawaa turanii fi itti jiran gidduutti nageenyaa fi tokkummaa uumuuf, Tokkummaan Abboota Gadaa sochii jalqabe,” jedhan – Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo.

Gaaffii fi deebii guutuu dhaggeeffadhaa.

Tokkummaan Abboota Gadaa Dhaabota Siyaasaa Oromoo Gidduutti Nagaa fi Tokkummaa  Buusuuf Sochii Jalqabe
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:45 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG