Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Liyyuu Haayil Haaleellaa Nu Irratti Bane: Jiraattoota


Godiina Baalee aanaalee gammojjii keessaa tokko kan ta’e Daarim keessatti jiraattoota humnootii bulchiinsa naannoo shaniin haleelaman shan keessaa tokko lubbuun darbuu jiraattonni ni dubbatu.Angawaan aanaa kana mirkaneessanii jiru.

Godiina Gujii keessattis Dilbata kaleessaa Liyyu Haayil haleellaa gaggeesseen mada’anii hospiitaala Nagallee kan geeffaman keessa a diigdama ta’uu akkasumas tokko hospitaala geeffamaa ituu jiru lubbuun darbuu beekamee jira.kanneen kaleessaa mada’an dabalatee waluumaa galatti mada’anii hospitaala Nagalleetti yaalamaa ka jiran digdamii torba ta’u hojii gaggeessaan hospitaala Nagallee Obbo Gizaachoo Roobee ibsanii jiru.

Gama kaaniin Haarargee bahaa aanaa cinaaksan bakka Daarim jedhmtuttis jimaata darbee haleellaan gaggeeffamee lubbuu nama tokko darbee ibsamee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa

Waraanni Liyyuu Haayil Haaleellaa Nu Irratti Bane: Jiraattoota
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:55 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG