Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummotaa fi Gamtaan Afrikaa Deggersa Barbaadamu Kennuuf Qophii Ta’uu Ibsan


Jaarmayoonni lameen walgahii waggaa kan yeroo lammataaf gaggeessan xumuura irratti Finfinnee keessatti ibsa kennanii turan. Barreessaa dureen Tokkummaa Mootummotaa Antoniyoo Gutarrees Wiixata darbe akka ibsantti hariiroo haaraan Itiyoophiyaa fi Ertraa giddutti jalqabamuun qilleensi nagaa jiraachuu agarsiisa jedhan.

Kunis biyyoota lamaanis ta’e ardii Afrikaa bira darbee addunyaaf abdii guddaa dha jedhan. Knaaf deggersa gaafataman mara gochuuf qophii akka ta’an hubachisanii jiru.

Gama kaaniin dura ta’aan komiishina Afrikaa Musaa Faakii Maamaat haariroo gaarii biyyoota lamaan gidduutti jalqabame gammachuu guddaan simanne jedhan. Kunis uummanni Afrikaa nagaa fi tasgabii ardii ofii keessaaaf fedhii akka qabu agarsiisa jedhan. kanaafis deggersa keenyaan biraa hin hafnuu jedhan.

Gabaasa guutuu caqasaa.

Tokkummaan Mootummotaa fi Gamtaan Afrikaa Deggersa Barbaadamu Kennuuf Qophii Ta’uu Ibsan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:25 0:00

XS
SM
MD
LG