Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaaytid Isteets Waliigaltee Nagahaa Itophiyaa fi Eertiraa Simatte


Ministirri haajaa alaa Yunaaytid Isteets Maaykil Pampeewoon Itoophiyaa fi Eertiraan waliigaltee nagahaa wal-dhabiinsa oggoota diigdamaatti xumura godhe kaleessa, Adoollessa 9 mallatteessuu Yunaaytid Isteets simachuu ibsa Kibxata harraa baasaniin beeksisan.

“Muummeen ministiraa Itoophiyaa Abiyyi fi pirezdaantiin Eertiraa Isaayyas lammiiwwan biyya isaanii gara nagahaa, guddinaa fi haaromsa siyaasatti ceesisuudhaa murtii onnee guutuudhan fudhatan in dinqisiifanna,” an jedhe ibsichi, waliigalteen nagahaa fi hariiroo gaarii biyyota lamaaniin mallateeffamee ifa godhame, lammiiwwan biyyota lamaanii akka gama siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaatin walitti dhufeenya cimfatan carraa uumuuf toora guddaa qabaachuu hima.

Dabaludhanis, “Yunaaytid Isteets adeemsa nagaahaa kana qarqaaruuf qophii tatee eegdii,” an jedhe ibsi ministira haajaa alaa Yunaaytid Isteets kun,qaamonni addeemsa gara araaraa godhame keessaa qooda qaban hundi iftoominaa fi ofitti amanuudhan akka hojii isaanii itti fufanis mootumman Yunaaytid Isteets akka jajjabeessuu eerra.

Dhumarratti, ibsi bahe “Itoophiyaa fi Eertiraa edduutti nageenyi bu’uun nagahaa fi tasgabii akkasumas guddina Gaafa Afrikaa fi Galaana Diimaatii murteessaa dha” jedha.

XS
SM
MD
LG