Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Walitti Bu’iinsa Mooyyaleetti ta’een Lubbuun nama 3 darbee, 40 ol ka ta’animmoo madaa’aniiru’ Hospitaala Mooyyalee


Itoophiyaa map
Itoophiyaa map

Lola Liyyuu Poolisiin dhuma torbee darbee gandoota baadiyyaa naannoo Mooyyalee marsanii jiran keessatti baneen lubbuun namoota sadii yoo darbu, afurtamaa ol ka ta’animmoo madaa’aniiru.

Namootni madaa’an amma Hospitaala Mooyyaleetti ka yaalamaa jiran yoo ta’an, kanneen balaan cimaan irra dhaqqabes yaala fayyaaf gara Yaabelloo fi Hawaasaatti ergamaniiru.

Akka Jiraattonni magaalaa Mooyyalee dubbatanitti, nageenyi erga magaalattiirraa fagaatee ji’a kudhan darbeera. Dhiyeenya kana keessumaa magaalattii keessatti erga boombiin darbatamuu aansee as Humni Ittisa Raayyaa nageenya ha buusuuf dabalataan gara magaalattii dhufus rakkoo nageenyaa jiru garuu furuu hin dandeenye jedhu .

Ammas dhuma torbee darbee kanaa kaasee humni liyyuu hayil gandootii baadiyyaa Naannoo Magaalaa Mooyyalee jiran keessatti dhukaasa jiraattota irratti banee lubbuun namaas darbuu jiraattonni dubbatu.

‘Namoota horii tikfatan irratti dhukaasani. Nami kaan du’eera, kaanis amma hospitaalatti yaalamaa jira.’ Jiraataa Mooyyale

Dhukaasa sanbata darbee gandootii baadiyyaa naannoo Mooyyalee keessatti liyyuu hayiliin saba irratti dhukaaseen lubbuun namaa darbuu isaa odeeffannoon nuti Hospitaala Mooyyaleerraa arganne ni ibsa. Hospitaala Mooyyaleetti Ogeessa Yaala Fayyaa walii galaa ka ta’an Dr. Nigusee Addunyaa, namoota yaalaaf dhufan keessaa sadii hospitaalatti lubbuun darbuu himanii, kaanis yaalaaf gara Hospitaala Yaabelloo fi Hawaasaatti akka ergaman dubbatu.

‘Walitti bu’iinsa kanaan name sadii hospitaala keenyatti lubbuun isaanii darbe. Gara namoota 40 ka ta’an yaalaaf dhufaniiru. Isaan keessaa muraasa yaalaaf gara hospitaalota kaaniitti ergineerra.’ Dr. Nigusee Addunyaa – Hospitaala Mooyyalee.

Dr. Niguseen namootni miidhaan irra gahe marti rasaasaan akka rukutaman, hedduun isaaniis umrii dargaggummaa keessa ka jiraniif jaarroleenis jiraachuu dubbatu.

Obbo Taaree Areeroo jiraataa ganda Maalabi. Isaanis dhukaasa sanbata darbeen harka isaaniirra rukutamanii Hospitaalatti yaalamaa jiru.

‘Nagaa utuu jirruu qe’ee keenyatti dhufanii nutti dhukaasani, maatiin keenya gara ‘Guchiitti’ baqatee jira’ Taaree Areeroo Jiraataa Ganda Maalab.

Obbo Fuugicha Dheengee Kantiibaa magaalaa Mooyyaleeti. Isaanis keessumaa guyyoota afran darbaniif humni liyyuu hayil naannawaa magaalattii keessatti akka balaa geessise, lubbuun namaa darbellee himu. Obbo Fuugichi, akka jedhanutti, rakkoon Mooyyaleen keessa jirtu dhimma daangaa bulchiinsaaf jedhamee kaa’ameen ka walqabatuudha jedhan. Kanaan dura gandooiinn Aanaa Mooyyalee ka naannoo Oromiyaa jela ooluu qaban 10 seera malee naannoo Soomaaleetiif muramanii walitti bu’iinsi kun ittuu akka itti fufu taasises jedhu.

‘Gandoota Oromiyaa 10’ntu seeraan ala gara naannoo somaaleetiif kutame. Sabni keenya gandoota kana keessa jiraataa jiran mirgi isaanii baayyee sarbamaa jiru’ Fuuficha Dhengee – Kantiibaa Magaala Mooyyalee

Obbo Fuugichi, dhimmi kuni furmaata haa argatuuf mootummaa naannoof yeroo hedduu gaafannus haga yoonaa murteen kaa’ame, hojiin jalqabame hin jiru, gidduutti garuu ummatni naannoo miidhamaa jiraa jechuunis dubbataniiru.

‘Walitti Bu’iinsa Mooyyaleetti ta’een Lubbuun nama 3 darbee, 40 ol ka ta’animmoo madaa’aniiru’ Hospitaala Mooyyalee
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:45 0:00

XS
SM
MD
LG