Xurree ittiin seenan

Breaking News

Vaayresii Koronaa Ittisuuf Manneen Barnootaa Itiyoophiyaa Cufaman


Faayilii - Barattoota qormaata kutaa Kudhanii fudhachaa jiran
Faayilii - Barattoota qormaata kutaa Kudhanii fudhachaa jiran

Itiyoophiyaan biyyoota Afriikaa vaayresiin kun keessatti argame 28 keessaa tokko ta’uu dhaan har’a immoo biyyoota sochii ugguruu dhaan manneen barnootaa cufanitti makamteetti.

Vaayresii Koronaa Ittisuuf Manneen Barnootaa Itiyoophiyaa Cufaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:33 0:00

Muummichi ministeeraa Abiy Ahmed har’a TV irratti dhiyaachuun akka jedhanitti Itiyoophiyaa keessatti wal ga’ii lakkoobsa namoota baay’ee kanneen geggeessan waaltaaleen mootummaas ta’e dhuunfaa torbanneen lamaan itti aananiif jijjiirama argame ilaallee ragaa haaraa hamma dhiyeessinutti wal ga’iileen akka dhaabatan.

Tarii lakkoobsi isaanii xiqqoo kan ta’ee fi qulqullinaa fi to’achuuf wal ga’iileen mijatan yoo jiraatan ministeera eegumsa fayyaan kan to’ataman yoo ta’u wal ga’iileen kanaan ala ta’an garuu yeroof akka dhaabatan kan murteessine ta’uu isaa, konfrensii, bakka spoortii dabalatee manneen barnootaa sadarkaaa lammaffaa ni cufamu jedhan.

Manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa jechuun Yuniversitiiwwanii fi Koollejiiwwan mooraa dhuma keessa turanii qajeelfama ministeera barnootaa biraa kennamuun barnoota isaanii haalli isaan barnoota itti fufan ni mijata jedhaniiru.

XS
SM
MD
LG