Xurree ittiin seenan

Breaking News

"Waan Inni Qabsa’afii Ture Iji Isaa Mul’achuu Yeroo Jalqabeetti Isa Du’an Dhabuun Hedduu Nu Gaddisiise"


Obbo Zawudee Guddataa Mul’ataa umrii isaanii waggaa shantamii tokkotti torban dabare keessa du’aan boqotan

As Waashinton DC keessa ka jiru Joorj Waashinton Yunivarsitii keessaa kan hojjetaa turanii fi siyaasa biyya keenyaa keessatti hirmannaa guddaa ka gochaa turan Obbo Zawudee Guddataa Mul’ataa umrii isaanii waggaa shantamii tokkotti torban dabare keessa du’aan boqotan.

Obbo Zawudee Guddataa magaalaa Amboo keessatti dhalatanii barnooota sadarkaa duraa fi lammaffaa achumatti eega xumuranii booda Yunivarsitii Finfinnee seenuun digrii jalqabaan fi lammataan kan eebbifaman yoo ta’u Yunivarsitii sana keessatti mana kitaabaa ykn Laaybrarii sadarkaa adda addaa keessa hojjataa akka turan dhuma irrattis barsiisaa ta’uun hojjataa akka turan ibsamee jira.

Sana booda baruumsa Doktorummaaf waggaa 15 dura jechuun bara 2003 gara Yunaaytid Istees dhufanii yeroo turanti yunivarsitiwwan adda addaa keessa hojjataa turan.

Obbo Zawdeen sababaa maaliin du’anii reeffi isaanii mana ofii isaanii keessaa akka argame polisiin qorataa waan jiruuf ammaaf kana jedhanii dubbachuun rakkisaa dha jedha hiriyyaan isaanii yeroo dheeraa Obbo Kabbadaa Tuulii Galatoo.

Abbaa ijoollee sadii kan turan Obbo Zawdeen Reeffi isaanii har’a Jimaata Hagayya 31 bara 2018 ganama ka gara biyyaattii geessamaa jiru yoo tahu sirni awwaalcha isaanii naannawa dhalata isaanii magaalaa Ambootti Dilbata dhufu kana Fulbaana 2 bara 2018 geggeessama.

Waa’ee seenaa jireenyaa Obbo Zawudee Guddataa Mul’ataa, hiriyaa isaanii yeroo dheeraa Obbo Kabbadaa Tuulii Galatoo Ka Dubbatan Caqasaa.

Waan Inni Qabsa’afii Ture Iji Isaa Mul’achuu Yeroo Jalqabeetti Isa Du’an Dhabuun Hedduu Nu Gaddisiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:33 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG