Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Naannoo Tigraay Gara Amaaraa fi Affaaritti Babal’ate: Dubbi Himaa Tokkummaa Mootummootaa


Dubbi himaan tokkummaa mootummootaa, waahilonni keenya waajjira qindeessa gargaarsa namoomaa Tigraay keessa haalli jiru hamtuu fi tilmaamuuf rakkisaa ta’uu isaaf walitti bu’iinsichi gara naannoolee hollaa Affaarii fi Amaaraatti ce’uu isaa nu beeksisan jedhan.

TPLF erga naannoo sana erga seene qabee, naannoo Amaaraa irraa uummanni 200,000 Affaar irraa immoo uummanni 76,000 ol qe’ee irraa buqqa’uun gabaasameera.

Waajjirichi itti dabaluu dhaan godina Fentii ganda Galikoomaa keessaa namoonni qe’ee irraa buqa’an kan keessa qubatanii jiran buufata eegumsa fayyaa fi manneen barnootaa rasaasaan dha’amuu isaanii fi tuullaan midhaanii saamamuu gabaasa argatee jira.

Tigraay keessaa yeroo ammaa haall jiru fooya’ee naannoleen dhibba irraa harka 75 dhaqqabuun danda’ameera. Garuu haala itti gargaarsi namoomaa dhaqqabu ga’aa miti.

XS
SM
MD
LG