Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qaalayiinsa Jireenyaa fi Haala Diinagdee Itiyoophiyaa


Faayilii - Gabaa Finfinnee keessaa, Fulbaana 10, 2020

Akka gabaasni galmee biyyaalessaa mootummaa Itiyoophiyaa Central Statistics Agency ji’a darbee agarsiisutti Itiyoophiyaa keessatti ammas qaalawiinsi jireenyaa dachaan dabalaa jira. Gabaasi kun ji’a adoolessaa darbe kana qaalawiinsi jireenyaa dhibbeentaa 24.5’n dabaluu agarsiiseera.

Qaalayiinsa Jireenyaa fi Haala Diinagdee Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:51 0:00

Kana qofaallee miti, sadarkaan qaalawiinsa jireenyaa kun ka ji’a adoolessaa ganna darbeen wal bira yoo qabamu ammas gatiin midhaan nyaataa dhibbeentaa 28.7 ol dabalee argamuusaati. Ammas gabaasumti kun akka eerutti midhaan nyaataan alas gatiin meeshaalee adda addaa, dhibbeentaa 19’n, ji’a tokko keessattis qaalawiinsi jireenyaa kun persentii torbaan ol ka’uusaa galmeen biyyaalessaa mootummaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Mootummaanis gatiin meeshaalee dabaluu fi qaalawiinsi hammaachuun kanaaf sababa adda addaa dubbata. Aadde Abebaa Taammenee Diirektera Dhimmoota Odeeffannoo Ministeera Daldalaa fi Industirii Itiyoophiyaati.

Aadde Abebaa’n, qaalawiinsa jireenyaaf kahumsa isaa yoo himan,tokkoffaan, Omishni fi fedhiin bittaa biyya keessa jiru wal simuu dhabuu, lammaffaa ammoo dhibeen koorona akka addunyaatti mudate, omisha industirii, warra tajaajila gara garaa kennanii fi sektera daldalaarratti dhiibbaa hamaa fiduu isaati jetti. Keessumaa dhibee kooronaa kanaan wal qabatee gatiin waantota nyaataaf oolanii gar malee dabaluudha. Kanaafimmoo mootummaan shaqaxawwan akka qamadii, sukkaaraa fi zayitaafaa waan ittiin gara biyyaatti galchu sharafa alaa argamurratti dhiibbaa uumuusaati. Kana malees warri omisha omishellee sichi gatiin omisha isaanii eger ni dabala jechaan gabaarraa omisha hambisuunillee ni jiraa. Warri gabaarraa waa bitus fayyuma dhiyeessa gabaarra jiru humnaa ol bituun, warri daldaltootaas omisha haga gatiinsaa ol dabalutti achi kaawuu fakkeenyaaf zayita kaasuu dandeenya asirratti kana kanadha sababoonni gurguddoon’ jetti yoo VOA’f dubbatte Aadde Abebaan.

Kana malees, daldaltoonni hojii seeraan alaan faayidaa barbaadan, faddaaltonni jidduu seenuu baayyachuun, gatii shaqaxootaa oliif gadi haala hin malleen bubbutuu, gabaa shaqaxa takkaa harka dhuunfaatti akka kufu taasisuu darbees humni bittaa qarshii Itiyoophiyaa gad bu’uu fi sharafi alaa haga

barbaachisu argamuu dhabuun qaalawiinsa gatii fi jireenyaa amma akka biyyaatti mullataa jiru fideeraa jedhu.

Kana qofaa miti qaalawiinsa jireenyaa kana keessatti shora biraa ka taphate, biyya keessatti tasgabbiin dhabamuunis takka. Aadde Abebaan kunis kanuma keessatti haammatamaa jedhu.

Haalli siyaasaa jijjiiramarra jiraachuun, rakkoon kun biirokrasii keessatti qindaawummaan hojiin furamuu dhabuun rakkoo tokko dha. Seerri kabajamuu dhabuunis rakkoo biraati, keessumaa sekterri mootummaa inni gara gadii jiru qaama rakkoo kanaa tahuun ittuu qaalawiinsa kana caalchisaa jiru’ akka jecha Aadde Abebaatti.

Muummeen Ministiraa Itiyoophiyaa ibsa paarlaamaaf waxabajjii 28, bara 2013 taasisan irratti waggoota sadan darban diinagdeen Itiyoophiyaa sababa rakkoo siyaasaan guddinnisaa gadi bu’us garuu ol guddachuu hin dhiifnee jedhan. Muummeen Ministiraa Abiy yeros yoo dubbatan. Diinagdeen Itiyoophiyaa bara 2011 keessa dhibbeentaa 9, bara darbe kanammoo dhibbeentaa 6, ammas lolli biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiraatus, diingadeen walii gala haala gaariirra jiraa jechaan himanii turan.

Bara baranaa kaan waanti diinagdee biyyyaa miidhaa jedhamee baayyee dubbatame keessaa lola Kaaba Itiyoophiyaatti ta’aa ture dha. Mootummaan Itiyoophiyaa Waxabajjii 22, bara 2013, yoo dhukaasa yeroof dhaabuu beeksise lolli kun callaan baasii birrii biiliyoona 100 fixuu beeksise.

Dookter Ayyelee Gelaan, ogeessaa waayee diinagdeeti. Dhaabbata Kuwait Institute for Scientific research jedhamuuf kan hojjetan, waa’ee haala diinagdee Itiyoophiyaa fi dhiibbaan walitti bu’iinsaa kun qabu yoo himan tokko baasiin biiliyoona 100 kun diqqaadha jedhu. Humni namaa, lubbuun, qabeenyi mancahee fi kaan kaan yoo itti dabalame gatii waraana kanaa ol kaasa jechuun qeeqa qaban dubbatu. Kana malees qaalawiinsa jireenyaa amma guyyaan dabalaa jiruufis kahumsa biraa ta’as jedhu.

Yoo haala isaa ibsan amma waraanni kun amma yeroo ammaa kana guddina biyyaarra ijoo dubbiiti kanaaf namni hedduun garasitti yaadni fi humni isaa waan butamuuf guddina biyyaa gad buusuurratti gahee olaanaa qaba jedhu.

‘Dargaggoonni Kumni hedduun waraanaaf duulaa jiru, namni hedduun waayee hojii utuu hin taane waraana yaada kun hundi yoo walitti qabamu omisha biyyaalessaa gad ni xiqqeessa’ Ayyelee Gelaan; Ogeessa Waa’ee Diinagdee.

Kanaaf jedhu, Dookter Ayyeleen, mootummaan dhiibbaa diinagdee kana hirrisuuf, tarkaanfiiwwan malu fudhatee dafee sirreessuu qabaa jedhu.

Dr. Ayyeleen dabalanii, warri siyaasa biyyaa harkaa qabu, guddina biyyaa hagasi jedhee himu qofa odoo hin taane, bu’ura rakkoo kanaa furuuf carraaquu, gaggeessitoota fala beekanis dhiyeessuu qabuu jedhu.

Muummeen Minsitiraa Abiy Ahmed ji’a dabre yoo paarlaamaaf dubbatan, keessumaa dhiyeenya maallaqni biyyaa jijjiirmuun duuba Itiyoophiyaa keessatti haalli fayyadamina baankii fooyya’uu himanii, garuu hawaasa biyyattii baadiyyaa jiru kan omisha biyyattii keessatti gahee qabuuf baankileen liqaa malu dhiyeessaa hin jiran, mootummaan sichi sanarratti xiyyeefataa jedhan.

Aadde Abebaa Taammenees qalawiinsa jireenyaa amma jiru kana tohachuuf mootummaan mala adda addaan itti adeemaa jira jedhu.

Yoo ibsitus, mootummaan warra seeraan ala daldala jeeqan irratti tarkaansii fudhachuu eerte. Kanaanis, fakkeenyaaf dhuma bara 2013 kana keessa daldaltoota kuma 72 oliif of eeggannoon kennamuu, dhaabbilee daldalaa kuma 46, saamsamuu, dhaabbilee 101 ol eyyama isaanii haqamuu, kuma takkaa olirrattimmoo himati yakkaa irratti banamuu himte. Akka Aadde Abebaatti warra seeraan daldalarra turerraa meeshaan fuudhames gara qarshii miiliyoona 95 olitti gurguramee mootummaaf galii taheera.

Ammas dhaabbanni maallaqa addunyaa qaalawiinsi Itiyoophiyaa bara kanaa dhibbeentaa 13’dha yoo jedhu, guddinni walii gala Itiyoophiyaa baranaa dhibbeenata lamatti gad bu’uu malas jechuun tilmaama isaa kaa’a. Mootummaan Itiyoophiyaa garuu gabaasa guddina diinagdee biyyaa kana bara 2013, fulbaana dhufu ifoomsa.

Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG