Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Yaalii Dhukaasa Misaahela Irratti Wal-muddinsi Yunaayitid Isteetsii fi Kooriyaa Kaabaa Edduutti Jabaachaa Dhufus Biyyoonni Baha Eeshiyaa Callisuu Filataniiru


Waa’ee Yaalii dhukaasa Misaahela Irratti Wal-muddinsi Yubaayitid Isteetsii fi Koriyaa Edduutti Jabaachaa Dhufus Biyyoonni Baha Ashiyaa Callisuu Filataniiru
Waa’ee Yaalii dhukaasa Misaahela Irratti Wal-muddinsi Yubaayitid Isteetsii fi Koriyaa Edduutti Jabaachaa Dhufus Biyyoonni Baha Ashiyaa Callisuu Filataniiru

Waa’ee yaalii dhukaasa Misaahela “Intercontinental Ballistic Missile” yokaan ICBM jedhamuu geggeessamuu malu irratti wal-muddinsi Yunaayitid Isteetsii fi Kooriyaa Kaabaa gidduutti mul’ataa jiru, biyyoota Eeshiyaa gama Bahaa irraa deebii cimaa kakaase hin qabu.

Kooriyaa Kabbaa, yaalii dhukaasa Misaahela “ICBM” jedhamuu, yeroo feetetti bakka feete irraa geggeessuu akka maltu, kaleessa dubbachuu ishee – dhaabbatni oduu KCNA, dubbi-himaa ministrii dhimma alaa biyyattii maqaa-dha’uun dubbatee jira.

Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteets – Aash Kaarter deebii kennaniin, dhukaasni yaalii “ICBM” Kooriyaa Kaabaa geggeessuuf dhaadattu kun, “doorsisa cimaa dha” jechuudhaan, yoo dhukaasni sun daangaa Yunaayitid Isteetsii fi michoota isheetti ka ce’u yoo tahe, misaahelicha haleeltee kuffisuuf tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka maltu illee akeekkachiisan.

XS
SM
MD
LG