Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waltti Bu’insii Kibba Itiyoophiyaa Keessa Ture Too’annoo Jala Olaa Jira: Mootummaa


Adabaabaayii Summuudaa, Hawaasaa (Suuraa faayilii)
Adabaabaayii Summuudaa, Hawaasaa (Suuraa faayilii)

Naannoo bulchiinsa Kibbaa Itiyoophiyaa keessa waltti bu’insii turaan yeroo ammaa too’annoo jala olaa jiraachuu isaanii komoshineeriin komishiinii poolisii naannoo Kibbaa Nebiyuu Isaayyaas himan.

Waltti bu’iinsaa naanichaa keessa tureeniin lubbuu namoota hedduu darbuu isaatii fi qaamaa irratis midhaan gahuu isaa kan ibsan komishineer Nebiyuun, zoonii Konsoo, Anaa Allee fi Daraashee keessatti hidhattoonii rakkina uumaniini namoonni du’anii qabeenyii hedduun mancaa’eera.

Zoonota Lixa kibbaa fi keesumaa aanalee Teepii fi Gurrafardaa keessaa hidhattootaa socho’aa jiran irraatti tarkaanfii fudhachuudhaaf mootummaa naannoo Gambeelaa wajjin akka hojachaa jiran Komishineerichii dubbachuun isaanii gabsameera.

Lakkoofsii isaanii ibsamuu baatus rakkina nageenyaa naanicha keeessa tureen eegdonni nageenyaa gatii kaffaluu isaanii Komoshiner Nebiyuun yaa’ii magaala Arbaa Minci keesaatti taasefamee irratii dubbatan jedha, gabaasni Yoonataan Zebdiyoos.

XS
SM
MD
LG