Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xiyyaarri Itoophiyaa Oggota 20 Booda Eertiraa Qubate


Waggoota dingdama keessatti yeroo duraatiif, har’a, xayyaarri geejjibaa kan Itiyoophiyaa gara Ertiraatti imaluudhaan magaalaa Asmaraa qubatee jira.

Biyyoota baroota dheeraaf akka diinaatti wal-gaarerfataa turan gidduutti nageenyaa fi araara gidduu kana bu’e irraa kan ka’e – tarkaanfiilee obbolummaa fudhatame keessaa kun tokko tahuu isaa ti.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa, fuula Tiwiiterii isaa irratti, xayyaarri BOEING 787 DREAMLINER jedhamu, Finfinnee dhaa ka’ee balalii yeroo xiqqoo dhaa booda Asmaraa qubachuu isaa ennaa beeksisu, “Simbirroon nagaa amma kunoo Finfinnee irraa gara magaalaa Asmaraatti balaliite” jechuun beeksise.

Nagahaa Itoophiyaa fi Eertiraa Edduutti Bu'e Kabajuuf Koonsertiin Qophaahe

Imaltoota xayyaaricha keessa turan keessaa tokko muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa duraanii – Obbo Hayile-maariyaam Dessaalenyi tahuu isaanii fi dirree-xayyaaraa Asmaraatti imaltoota dura-bu’uudhaan hafata diimaa irratti simatamuu isaanii, gabaasaan VOA achi ture ibsee jira.

Muummee Ministera Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmed imlatuuf Eeritraa dhufee pirez. Isaayyaas,bulchoota mootummaa fi ummata bal'aatti bahee simate

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Dr. Abiyyi Ahimed, murtii fi walii-galtee daangaa bara 2000 biyyota lameen gidduutti mallatteessame akka hojii irra oolchan eega beeksisanii booda, hoogganoonni biyyoota lameenii biyya walii daawwachuu dabalee tarkaanfiileen nageenyaa fi obbolummaa jajjaboon fudhatamanii jiran. Xayyaarri geejjibaa gara Asmaraatti balali’uu dura, daandiin telefoonaa biyyoota lameen gidduu banamee jira. Wixata dabre immoo, Ertiraan Embaasii ishee Finfinnee keessatti banatte.

Sirna Simannaa Pirezdaant Isaayyas

XS
SM
MD
LG