Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsi Waraanaa Maaynamaar Mormitoonni Hedduun Erga Ajjeefamanii Booda Yaanguun Waraanaan Akka Bultu Labse 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Maynamaar guutummaa keessaa humni raayyaa waraanaa namoota 40 erga ajjeesee guyyaa tokko booda Daagoon kaabaa fi kibbaa Seikkan fi kaabi kutaa Okkalapaa jedhamuu to’annaa waraanaa jala jiraachuu caasaan oduu mootummaa MRTV jedhamu beeksisee jira. Ajjeechaa irra hedduun kan raawwatame dugdee Yaangoon Halaangitayaa keessatti yoo ta’u mormii fonqolcha waraanaa geggeessameen guyyaa dhiigi itti dhangala’e isa hamaa ta’uun ibsamee jira.

Angawoonni Hilangitaayaa keessaa erga warshaaleen qabeenyaa wara chaayinaa hedduutti ibiddi qabatee booda to’annaa waraanaa jala akka seenu labsanii jiran. Chaayinaan mootummaa waraana Maaynamaar deggerti jedhamuun beekamti.

Dubbi himaan miinistriin dhimma alaa Chaayinaa Zhaaoo Lijaan haleellaan dilbata darbe warshaalee Chaayinaa irratti raawwatame gocha qaanessaa dha jedhanii, Mayanamaar lammiiwwan Chaayinaa gamas jiraniif eegumsa gochuuf tarkaanfii barbaahisu ni fudhatti jennaa abdannaa jedhan.

XS
SM
MD
LG