Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroo Ammaa Buraayyuun Tasgabboofte Jedha Poolisiin


Magaala Burraayyuu (Faayilii)
Magaala Burraayyuu (Faayilii)

Komiishiner Poolisii Federaalaa Zeeyinuu Jamaal lakkoobsi namoota balaa yeroo darbe Finfinnee fi naannoo isheetti mudtateen madaa’anii 300 ga’uu ibsaniiru. Amnestii Internaashinaal lakkoobsa namoota du’anii 50 oliin kan ga’e yoo ta’u komiishinerichi yeroo ammaa lakkoobsi kun walii galaan nu bira hin geenye garuu ol ka’uu mala jedhan.

Haalli yeroo ammaa naannoo Buraayyuutti maul’atu ilaalchisee ennaa dubbatan amma haala baay’ee tasgabbaa’aatu jira. Hedduun qe’ee isaatti deebi’eera. Gaazexeessonni kaleessa naanna’anii kaameeraa dhaan waraabaa turan.

Daldalaawwanis banamaniiru. Namoonnii fi konkolaataan sosso’uu eegalaniiru. Waa’ee nageenyaaf jecha Namoota hedduutu bilbila koo irratti bilbilaa ture. Amma garuu akka duraa asiin nutti dhufan kan jedhu hin jiru. Darbee darbee odeeffannoo kennuuf yoo ta’e male jedhan.

Amnesty intrnationalitti qorataa dhimma gaanfa Afriikaa kan ta’an Fisehaa Tekilee akka jedhanitti haalli akkasii ennaa uumamu furmaata kan nuti jennu mootummaan haalli akkasii uumamuu mala jedhee tilmaamuu dhaan dura dursee qophee gochuu qaba.

Humnoonni naga eegumsaa ennaa komeen uummata biraa dhiyaatu dursanii bakka sanatti argamuu dhaan uummataaf eegumsa gochuu qaba jedhan.

Namoonni siyaasa keessatti hirmaatanis ta’e aktivistoonni haala itti gaafatama qabuun fayyadamuu qabu. Haasaa jibbiinsaa kan fafakkaatu irraa of qusachuu dhaan uummaticha kaka’umsa hin taane keessa seensisuun irra hin jiraatu. Kanaaf jechoota hiikaaf rakkisan gargaaramuu fi raga waan hin qabaanneetti qaama isa kaan himachuunis hafuu qaba jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:08 0:00

Hubachiisa: Maxxansa duraa irratti lakkoofsa namoota madaa'anii barreessuu irratti dogoggora umameef dhiifama gaafanna. Amma sireesinee jira.

XS
SM
MD
LG