Ministeerri Haajaa Alaa Yunaaytid Isteetes Biyyoota Sadiitti Imaltuu Jalqaban  

  • VOA

Ministeerri haajaa alaa yunaaytid Isteetes

Ministeerri haajaa alaa yunaaytid Isteetes Rex Trilerson imaltuu biyyoota sadii keessatti gageessan har’a Jaapaan seenuun jalqaban.Kunis sodaa nageenyaa koriyaan kaabaa gama nukleeraa fi misaa’eela uumate irratti mari’achuuf akkasumas michooma qaba irra deeebi’anii mirkaneessuuf ta’uun beekame jira.

Akka sagantaa ba’eetti Kamiisa borii mummicha ministeeraa Jaapaan shinzoo Abee fi ministeera dantaa alaa Jaapaan waliin wal argu.Sana booda gaafa Jimaataa gara koriyaa kibbaatti imalauun bakka bu’aa prezidaantii fi ministeera dantaa alaa biyyatti wajjiin dubbatu. Garu mormitoota biyyatti waliin wal arguuf karoora hin qaban.

Biyya isaanii keessa waraana Amerikaa kan qubsiisanii jiran Jaapaanii fi Koriyaan kibbaa fageenya misaa’eelli koriyaa kaabaa dhaqqabuu danda’uu keessa jiru.Trillerson sana booda gara Chaayinaatti imaluuf jiru.