Raashiyaan Filannoo Yunaayitid Isteetes Keessa Harka Qabaachuuf Dhiisuu Irratti Qorannoon Itti Fufeera

  • VOA

Raashiyaan Filannoo Yunaayitid Isteetes Keessa Harka Qabaachuuf Dhiisuu Irratti Qorannoon Itti Fufeera

Daarektarri Biiroo Qorannaa Federaalaa yokaan FBI – James Koomee, Raashiyaan filannoo Yunaayitid Isteetes keessa harka galfachuuf yaalii goote – tarii wanni duula filannoo Traamp waliin qindeessame yoo tahe dabalatee akka dhaabbatni isanii ciminaan qorataa jiru dubbatan.

Koree Tika-nagaa, kan Mana-maree Yunaayitid Isteets duratti, Hoogganaa Dhaabbata Nagaa-eegumsa Biyyoolessaa – Admiiraal Maayikil Roojers waliin har’a dhugaa ba’an – Daarekatarichi FBI.

Duulli filannoo isaanii , akka isaan filataman gargaarsuuf dantaalee Raashiyaan qabdu waliin akka hidhata tokko illee hin qabnetti kan kaleessa dubbatan – Prezidaant Traamp, “Waan filannoo injifatamaniif jechu, oduu dimookiraatonni odeessani” jedhu.