Raashiyaan Mooraa Lamaa Yunaaytid Isteets Jalaa Cuuftee Ture Akka Banaman Gaafatte

  • VOA

Raashiyaan, moraalee ishee lameen, ka Yunaayitid Isteets Mootummaan Moskoo, dhimma filannoo Yunaayitid Isteets bara dabree keessa harka galfatee ture – jechuun akka cufamu ajajjee turte akka deebistee kennituuf gaafattee jirti.

Ministarri dhimma-alaa – Sergee Laavroov, Yunaayitid Isteets qabeenyaalee Raashiyaa lameen, tokko magaalaa Niwu York kaan kutaa Mariiland keessa jiru cufuun ishee, saaminsa aduu-saafaa geggeessame – jechuun qeeqan.

Yeroo sanatti, Prezidaantii Yunaayitid Isteets ka turan – Baarkaa Obaamaa, mootummaan Raashiyaa filannoo Yunaayitid Isteets keessa harka galfate – jechuun akka mooraaleen sun cufamu ajajanii Dippiloomaatota Raashiyaa 35 illee basaastummaatti balaaleffachuun biyyaa baasan.

Mootummaan Raashiyaa yeroo sana deebii haaloo-bahinsaa kennuu irraa of qusatee ture.