Gargaarsaan Wal Cina Dhaabachuu Qabna: Qindeessitoota

  • Jaallannee Gammadaa

Weellesaa, ogeessa kaameeraa fi Dizaayinii uuffata aadaa Oromoo baasuun kan beekamu, Eliyaas Kifluu

Mana Hidhaa Qiliinxoo Keessatti dhukkubsataa kan jiru Eliyaas Kifluu gargaaruuf jecha Dilbata darbee Amajjii 21 bara 2018 qophiin tokko magaalaa Finfinnee keessa kan jiru galma giddu gala aadaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamee jira.

Weellesaa, ogeessa kaameeraa fi Dizaayinii uuffata aadaa Oromoo baasuun kan beekamu Eliyaas Kifluu mana hidhaa keessatti fayyaan isaa dhibamee dhukkubsataa akka jiru ammaan dura mana murtii duratti dhiyaachuun dubbataa ture. Kanaafis jecha wal’anssa fayyaa argachuuf akkasumas mucaa isaa deggeruuf jecha qophiin kun gaggeeffamuun ibsamee jira.

Sirna eebba VCD kana irratti argamuun keessummaa kabajaa kan turan Dr.Mararaa Guddinaa Tokkummaa jabeessaa jechuun dubbatan. Kanneen Eliyaas waliin mana hidhaa Qilinxoo keessa turan keessaas argamanii jiru.

Qindeessitoota Qophii kanaa keessaa Aaddee Masarat Dhaabaa waliin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Gargaarsaan Wal Cina Dhaabachuu Qabna: Qindeessitoota