Hobomboleettiin Moozaambikiin Dha’e Lubbuu Hedduu Galaafachuu Hin Oolu

  • VOA

Hobomboleettii hamaan rooba yandoo makate kan biyya Afriikaa gama dhiyaa dha’e kunrna tokko keessatti isa duraa yoo ta’u balaa hamaa dhaqqabsiisuu isaa jaarmoliin gargaarsaa beeksisanii jiran. Moozaambik naannolee hedduun sababaa lolaatiin daandiin addaan cite jira. Kun immoo kanneen miidhaan irra ga’e dhaqqabuu akkasumas balaan hagamee akka dhaqqabe guutummaan qorachuuf rakkisaa taasisee jira.

Lakkoobsi namoota du’anii sirriitti meeqa akka ta’e hin beekamin jira, garuu prezidaantiin Moozaambik akka jedhanitti hamma kuma tokkoo ga’uu mala. Gareen federeeshinii fannoo diimaa fi baatii diimaa magaalaa Moozaambik Beiraa kaleessa dhaqqabanii jiru. balaan dhaqqabe hedduu fi suukanessaa ta’uu gareen kun ibsee jira. Biilsaaleen gamasii dhibbi irraa harki 90mni barbadaa’uu gabaaseera.

Your browser doesn’t support HTML5

Hobomboleettiin Moozaambikiin Dha’e Lubbuu Hedduu Galaafachuu Hin Oolu