Uummanni Walitti Bu’uf Fedhii Hin Qabu, Ajandaa Dhokataa Kan Qabantu Jira. Angawaa oromiyaa 

  • VOA

Itti-gaafatamaan dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa, Obbo Adimaasuu Daamxoo

Uummatoonni Oromiyaa fi Somaaaliyaa hariiroo isaanii daran cimsachuu fi jijjiirama jalqabame fuul-dura tarkaanfachiisuuf gargaara ka jedhame – waltajjiin marii gidduu kana akka banamu, itti-gaafatamaan dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa – Obbo Adimaasuu Daamxoo Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Naannooleen lameen lammiwwan manaa fi qehee ofii irraa buqqa’anii fi rakkoolee isaanii sanatti hidhataniif furmaata waaraa fiduuf hooggansi gam-lameenii kan walitti dhiheenyaan hojjetaa jiran tahuu dubbatan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Uummanni Walitti Bu’uf Fedhii Hin Qabu, Ajandaa Dhokataa Kan Qabantu Jira. Angawaa oromiyaa