Hookkarri Magaalaa Hararitti Ka’ee Ture Amma Tasagabbaa’uu Dubbata Qaamni Nageenyaa Naannoo

  • VOA

Addis Chekkol achi irraa akka gabaasetti --- Magaalaa Harar keessatti jala-bultii ayyyaana Cuuphaa dheengadda ayyaaneffamee fi kaleessa yeroo taabotni gara Waldaa Kiristaanaatti deebifamus walitti-bu’insi uumamuu fi qabeenyaa irra miidhaan ga’uu jiraattonni VOAtti dubbatan himanii jiran. Magaalaa Dirre-dhawaatti hookkara wal-fakkaataa kaleessa ka’een namni tokko du’uu fi ka biroon madaa’uu dubbata – mootummaan.

Har’a hookkarichi tasgabbaa’uu isaa Mootummaan beeksisee jira. Itti-gaafatamaan Biiroo Dhimmoota Haqaa fi Nageenyaa mootummaa naannoo – Obbo Naasir Yasuuf walitti-bu’insa sana keessatti kanneen madaa’an malee namni du’u akka hin jirre dubbatu – Obbo Naasir Yusuuf. Ittiin ka’insi walitti-bu’insichaas alaabaan ehama seeraa hin qabne fannisamuu akka tahe dubbatan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Hookkarri Magaalaa Hararitti Ka’ee Ture Amma Tasagabbaa’uu Dubbata Qaamni Nageenyaa Naannoo