Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyara Yukreen Waraana Kootu Rukute Jette Iraan


Nnamoota xiyyaara Yukreen dhiheenya rukkutamee kufeen lubbuu isaanii dhaban keessaa
Nnamoota xiyyaara Yukreen dhiheenya rukkutamee kufeen lubbuu isaanii dhaban keessaa

Waraanni Iraan gara jalqaba baatii kanaatti xayyaara Yukreen kan imaltootaa lafa gadhisee eega ka’e booda Misaa’eela lamaan rukutamee kufuu angawoonni daandii balalii xayyaara Iraan kibxata har’a beeksisanii jiru.Balaa kanaan namoota 176 dhume.

Jaarmayaan balalii xayyaaraaa sivilootaa kan Iraan akka gabaaseetti misaa’eelli xayyaaricha rukutee kan Raashiyaa keessatti hoojatame yoo ta’u lafa irraa gara samiitti kan furguggifame ta’u ibse.

Qaama xayyaarichaa kan sagalee waraabame baatu sana odeeffannoo qabu dubbisuuf meeshaa gargaaru Amerikaa fi Faransaayiin akka kennaniif Iraan gaafattee jirti.

Iraan akka jettuutti Amerikaanis ta’e Faransaayiin gaaffii dhiyaateef kanaaf deebii gaarii hin laanne.

XS
SM
MD
LG