Keeniyaan erga Deemsa eyyamtee as Daangaa Naanno Oromiyaatti Laakkifsi Namoota Kooronaan Qabaman Dabale’

Faayilii - Magaala Moyaalee

Erga Keeniyaan qoqqobbii sochii Kooronaa to’achuuf keesse kaastee daangaa ollaa Oromiyaa ka Godina Booranaatti lakkoofsi namoota Kooronaan qabamanii dabalee jira. Angawootni Fayyaa Godina Booranaa akka jedhanitti, lakkoofsi namoota daangaa qaxxaamuranii dabaluutu dhibeen kun akka baballatu taasise.

Torbee lameen harraa mootummaan Keeniyaa erga daangaan biyyattii akka banamu, murteessee as namootni dhibee Kooronaan qabaman hedduun ollaa Naannoo Oromiyaa Godina Booranaa keessatti baayyataa jiru jedha Qajeelchi Fayyaa Godina Booranaa. Obbo Moluu Diimaa Itti Aanaa Itti gaafatamaa Qajeelcha Fayyaa Godina Booranaati.

Your browser doesn’t support HTML5

Keeniyaan erga Deemsa eyyamtee as Daangaa Naanno Oromiyaatti Laakkifsi Namoota Kooronaan Qabaman Dabale’

Warri Ollaa Keeniyaa gara Godina Booranaa deebiyee hedduun hospitaala Mooyyalee jira. Dr. Gezzaahny Isheetuu Meedikaal Diirekteriin Hospitaala Mooyyalee namoota kanaaf yaala barbaachisu kennaa akka jiran VOA’tti himani.

Dr. Gezzaany keessumaa dhibee kanaan ka faalaman Aanaa Mi’oo fi Mooyyalee warra seenan ta’uu eeran. Dhimma sochii namaa naannoo daangaarra jiru Bulchiinsi Aanaa Mooyyalee, waan kun rakkisaa ta’uu beeksise. Obbo Birhaanuu Goonaa bakka bu’aan waajjira dhimmoota Koomunikeeshinii aana Mooyyalee, ballachuu daangaatu to’annoo kanarratti dhiibbaa fidaa jira jedhu.

Obbo Birhaanuun rakkoo kanaaf faluuf humnootni nageenyaa haga danda’an hojiitti jiru jedhu