Waraanni Sudaan Lafa Qonnaa Wal Falmisiisaa Ta'e Irra Qubachuu Itti Fufee Jira

Wagootii 25 caalaaf milishoota Itiyoophiyaa harka kan ture lafa qonnaa kana, Sudaan sanaan duraa kaasee kan koo ture jechuun falmitii.

Kunis waggoota hedduuf Itiyoophiyaa fi Sudaan giddutti walitti-bu'iinsa uumaa ture.Baatii Ebla darbee milishoonni Itiyoophiyaa magaalaa Qadaariif gama bahaa gandeen marsanii jiran haleeluun namoota nagaa 5 ajjeesanii waraana Sudaan irratti midhaa geesiisan.

Sudaan haleellaa kana balaaleeffachuun Milishoota kana mootummaa Itiyoophiyaatu gargaara jette.Sochii waraanni Sudaan amma gochaa jiru irratti Mootummaan Sudaanis ta'e kan Itiyoophiyaa waan jedhan hin qaban.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Waraanni Sudaan Lafa Qonnaa Wal Falmisiisaa Ta'e Irra Qubachuu Itti Fufee Jira