“Warra kaayyoofi galma isaanii beekan faanan oola”- Aadde Fittaalee Baqqala

Aadde Fittaalee Baqqala

Magaalaa Amboo keessatti daandii cinatti kitaaba gurguruun kan jiraatan haatii ijoollee sagalii Aadde Fittaalee Baqqala Umuriin isaanii Shantama ta'u dubbatu.

Kitaaba gurguranii miseensoota maatii isaanii waliigalaan kudha tokko jiraachiisu.

Aadde Fittaalee Baqqala

‘’Kitaaba gurguruun koo ijoollee ofii kooti barsiifachuu irra darbee waan beektota Waliin waan walitti na fiduufin jaaladha’’ jedhu Aadde Fittaaleen.

Kitaabonni gurguuran kunis kan mana barumsaatti barattonni itti fayyadaman, kan aadaa, seenaa,Asoossoma akkasumas kanneen biroo yoo ta'an afaanneen Ingliffa, Amaaraa Fi Oromoom qopheeffaman jedhu.

Aadde Fittaalee Baqqala

Obbo Taakkala Guutuu, kitaabuma Aadde Fittaalee irraa bitaniin ijoollee isaanii akka itti gargaaraman gochuun ijoollee isaanii keessaa kan hamma digirii 2ffaatti baratan akka jiran dubbatan.

Gabaasa Naakoor Malkaa Amboo irra ergee caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

“Warra kaayyoofi galma isaanii beekan faanan oola”- Aadde Fittaalee Baqqala