Lammiiwwan Sudaan Kuma Hedduutti Lakka’aman Mormiif Daandiitti Ba’an 

  • VOA

Faayilii - Hiriira mormii Daarfur, Sudaan. Muddee, 29, 2020.

Waggaa lama dura gatii daabboo fi boba’aa ittiin bitan irratti mormiin guddaan Sudaa keessatti ka’ee ture. baatilee afuriif hiriirri mormii geggeessaman hoogganaa yeroo dheeraa prezidaant Omar al Bashir aangoo irraa akka bu’an akkasumas hoogganoota deggertoota dimokraasii kan of keessaa qabu mootummaan ce’umsaa akka hundaa’uuf sababaa ta’ee jira.

Enna asana lammiiwwan Sudan hedduun biyyi isaanii daandii jijjiiramaa guuddaa qabatte jedhanii abdataa turan. Garuu torban kana lammiiwwan biyyattii kumaan laka’aman haaluma wal fakkaatu kan gatiin fedhii bu’uuraa ol ka’uu isaatiin mormiif daandiitti ba’an.

Sahar Al Jazouli, miseensa koree Al Kalkala Abu Adam kan mormii torban kanaa qindeesse keessaa yoo ta’an uummanni sharafi gatii akkaan gad cabuu isaa nuffee jira jedhan. Gulaalaa gameessi gaazexaa kaartuum marsariitii irratti maxxanfamu Mohamed Ali Fazari akka jedhetti mormitoonni hangi tokko yoo haalli jiru battala hin fooyya’u ta’e mootummaan ce’umsaa sun guutummaan diigamuu qaba jecuu isaanii ibsee jira..