Sirni Galateeffannaa Artist Alii Birraa fi Eebbi Kitaaba Seenaa Isaa Finfinneetti Geggeessame 

Kitaabni seenaa Aartiist Alii Birraa ibsuu Suraafel Galgaloon (PHD) barreeffame eebbisameera.

Dooktarri Kabajaa Aartiist Alii Birraa waggoottan 60 darbaniif gumaacha damee Aartiif gumaacheef liishaanii badhaaffameera.

Artiist Alii Birraa sirboota Afaan Oromootii alattti afaanoota Somaalee, Affaar, Hararii fi Amaariffaan akkasumas afaan Sudaaniin sirbuun saboonni caalaatti akka wal baran shooraa ol’aanaa bahateera, jedhan kanneen sirna galateeffannaa fi eebba kitaabichaa irratti argaman.

Dhiheenya Finfinneetti geggeessame sirni galataa Alii fi eebba kitaaba isaa kun.

Your browser doesn’t support HTML5

Sirni Galateeffannaa Artist Alii Birraa fi Eebbi Kitaaba Seenaa Isaa Finfinneetti Geggeessame