Walitti Bu’iins Shawaa Kaabaa Keessatti Raawwatame Lubbuu Galaafachuun Gabaasame 

  • VOA

Kaaba Shawaa godina Antsookiyaa, aanaa Gamzaa fi bulchiisa godina hawaasa Oromoo Arxxummaa Faarsi waliin kan wal daangessu ganda Ageremaariyaam Maacaraa fi Diimtuu Coqorsaa irratti walitti bu’iinsa umameen yoo xiqqaate namoonni lama du’anii shan madaa’uu akka hin oolle odeeffannoon gamasii argaman ni mul’isu. Walitti bu’iinsa sanaaf qaamni tokko isa kaan himata.

Antsookiyaa Gemzaatti itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii mootummaa obbo Geetinnet Baahiruu, dheengadda galgala sa’a kudha tokkotti walitti bu’iinsi uumame lubbuu namaa galaafatee qaama namaa fi oomisha irraan miidhaa dhaqqabsiise jedhan.

Bal’ina ganda sanaan ennaa ilaalamu, miidhaa dhaqqabe tarreessuun yeroo gaafatas jedhan. Yeroo ammaa nageenyi hangi tokko jiraatus gam lamaanuutii dubbiif wal barbaaduun jiraachuu garuu hin dhoksine.

Ittiin ka’umsi walitti bu’iinsa kanaa sanyii isa hanga ammaatti ture miti. Hanga har’aatti oomisha irrattis, beeladaalee irrattis walitti bu’iinsi ni jira. kun garuu humni qindoominaan jiru kan itti seene dha. Waan dhoksinu hin qabnu jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Walitti Bu’iins Shawaa Kaabaa Keessatti Raawwatame Lubbuu Galaafachuun Gabaasame