Biyyoota Afrikaa Jarmaniin Barana Michooma Dinagdeef Filattee keessaa Itiyoophiyaan Tokko

  • VOA
    Jaallannee Gammadaa

Muummee ministiraa Itoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimadii fi Chaansilerii Jarman Angelaa Merkeel, Berliin, Garman, Onk. 30, 2018

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad daawwannaa Faransaayii keessatti gaggeessan xumuruun har’a Jarmanii seenanii jiru.Achittis chaansilarii biyyatti Angelaa Markal waliin eega wala rganii booda walgahii hogganoota Afrikaa irratti argamanii jiru.

Jarmaniin michooma gama misoomaa baranaaf kan filattee biyyoota Afrikaa sadii Senegaal Morokoo fi Itiyoophiyaan ta’uun ibsamee jira. Walgahii biyyoota G- 20 jedhamu irratti mummichi ministeeraa Abiyyi hasawaa kan godhan ta’uun beekamee jira.

Simannaa Dr Abiyyi Ahamd kan ilaaleen dura ta’aa hawaasa oromoo Barliin Obbo Tasfaayee Abdisaa Jaallanneen haasoofsiiftee jirti.

Your browser doesn’t support HTML5

Biyyoota Afrikaa Jarmaniin Barana Michooma Dinagdeef Filattee keessaa Itiyoophiyaan Tokko