Donaald Traamp Biyya Isaanii Gurmuu Daldalaa Paasifiki Keessaa Baasuuf Mallatteessan

  • VOA

Donaald Traamp Biyya Isaanii Gurmuu Daldalaa Paasifiki Keessaa Baasuuf Mallatteessan

Prizidaantiin Yunaayitid Isteets – Donaald Traamp, har’a torban hojii haaraa ennaa jalqabanitti, biyya isaanii kan biyyoonni 12 keessa jiran – gurmuu daldalaa Paasifik, kan “Pacific Rim” jedhamu keessaa baasuuf qophaa’uu isaanii beeksisan.

Walii-galteen daldalaa ka biyyoota Paasifik gamaa waliin tolfame kun, bara 2009 ennaa prezidaant Obaamaan taayitaa irra turan ka dubbatame yoo tahu, miseensonni mana-maree Yunaayitid Isteets, garii mormuudhaan kaan irraa of qusachuudhaan waan deggersa dhowwataniif haga ammaa otuu hin ragggaasisamiin ture.

Sillaa otuu waliigalteen kun raggaasisame tahee, Yunaayitid Isteets – Jaappaan, Awustraaliyaa, Niwuuzilaand, Maaleetziyaa, Chiilii, Kanadaa, Meksiikoo fi biyyoota ka biroo afur waliin hariiroo daldalaa tolfafttee hojjetti turte.

Addunyaa irratti walii-galtee dinagee isa bal’aa jedhame kun --- dinagdee Addunyaa keessaa dhibba irraa harka afurtama, daldala Addunyaa irraa immoo gara sadii keessaa harka tokkoo qabata – jedhamee ture.

Kan kana dhaadhessaa turan – Prezidaantiin Yunaayitid Isteets duraanii – Baaraak Obaamaa, “qajeelfama dinagdee Addunyaa biyyoonni akka Chaayinaa barreessuu hin qaban. Nu tu haala kanaan barreessuu qaba” – jedhanii turan.

Kan Jimaata dabre taayitaa qabatan – Prezidaant Traamp immoo, waliigalteen akkasii, “kaanpaaniileen guguddoon humna rakasa barbaacha hojii isaanii gara biyyoota alaatti godaansisan godhee, hojjetoota Ameerikaa hojii isaanii dhabsiisa” – jechuun yeroo dheeraaf mormaa turan.