Godaantonni 1500 Guyyaa Lama Keessatti Baraarfamuun Ibsamee Jira

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Godaantonni 1500 Guyyaa Lama Keessatti Baraarfamuun Ibsamee Jira

Waardiyyaan handaara galaana xaaliyaanii sambataa fi Dilbata darbe godaantoota galaana Meditraaniyaan qaxxaa-muruun gara xaaliyaanii dhaqqabuuf ka;an 1500 baraarsuu isaa beeksisee jira. Waluumaa gala Erga Robii darbee qabee kanneen haala wal fakkaataan baraarafaman lakkofsaan kuma afurii hanag kuma shanii kan ga’u ta’uun gabaafamee jira. Baatii qorraa fi cabbii keessa imaltuu galaana irraa waan baratame hin turre.

​Gama kaaniin waardiyyaan handaara galaana Libiyaa godaantoota Afrikaa 400 hanga 500 ta’an biyya isaa keessaaka’uun imaltuu galaana irraa akka hin senne ittisuun beeksisee jira. Kunis gamtaa Awuroopaa fi Libiyaa giddutti walii galtee tolfameen ta’uun ibsamee jira. Garu ituu eegumsii kun jiru godaantoonni 600 caalan naannoo sanatti galaana irraa baraarsamanii jiru.Xaaliyaanii fi Libiyaanis godaansii kun Libiyaa keessaa akka hin kaaneef walii galanii jiru.Gamtaan Awuroopaa fi xaaliyaaniin godaansa kana dhaabsisuuf kan oolu deggersa maallaqaa Libiyaaf kennaa ituu jiranii Libiyaan guutummaatti dhaabsisuu dadhabuun ishee falmii kaasisaa jira,

Libiyaan biyya qoqqodamtee fi kanneen seeraan ala godaantoota deddebisan caasaa seera tumtootaa waliin hidhata qabaachuu malu shakkiin jedhu biyyattiin hagam godaansa kana dhaabsisuu dandeessi ? gaaffii jedhu kaasisaa jira jedhama.

Gama kaaniin Walgahiin Maaltaa keessatti hogganoonni biyyootii Awuroopaa gaggeessan caasaa namoota seeraan ala nama deddebisan cabsuu irratti akeekkate jedhama.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Godaantonni 1500 Guyyaa Lama Keessatti Baraarfamuun Ibsamee Jira