Haala Faca’inaa Kovid-19 fi Ba'ii Qorannaa Amboo fi Gudar Keessaa

Amboo, Oromiyaa (Suuraa faayilii_

Giddugalli Qorannoo Laaboraatorii Kooviid-19 Amboo Yunivarsiitii, namoota qorannoo Vaayirasii Kooronaa keessaa taasise keessaa dhibbantaa 30 hanga 40 kanneen tahan dhibee kanaan qabamuu agarsiisa jedhe.

Gama biraan, Giddu Galli Yaalii Kooviid-19 Hospitaala Gudar ammoo yeroo ammaa kana nama tokkorraan kan hafe namootni Vaayirasii Koroonaan qabamanii yaalamaa turan biroon fayyanii Hospitaala keessaa bahuu dubbata.

Qindeessitootni lamaanuu hawaasni ammallee akka Kooviid -19 irraa of eeggatu hubachiisan. Kanumaan wal qabatee jiraataan magaalaa Amboo yeroo dhiyoo Kooviid-19 irraa fayyuu isaanii dubbatan tokko, “dhukkubichi hamaa Waan taheef dursanii of eeggachuun baay’ee barbaachisaa dha,” jechuun ergaa dabarsan. Naakooo Malkaa tu Finfinnee irraa gabaase.

Your browser doesn’t support HTML5

Haala Faca’inaa Kovid-19 fi Ba'ii Qorannaa Amboo fi Gudar Keessaa