Hawaasa Siivilii Itiyoopiyaa Irratti Haleellaan Oofamaa Jira: Hayyoota

  • Tuujubee Horaa

Hawaasa Siivilii Itiyoopiyaa Irratti Haleellaan Oofamaa Jira: Hayyoota

Interneetiin cufamuu qabee hanga himatamuu gaazexeessotaa fi miseensota gareelee mormituutti hawaasi sivilii torbanneen hedduu as haleellaan akka irratti geggeessaamaa jirutu itti dhaga’amaa ira.

Caamsaa 24 gulaalaan oduu marsariitii Negere Ethiopia jedhamuu Geetaachoo Shifarraa sababaa FB irratti haasaa dhuunfaa nama waliin geggeessan irraan kan ka’e hookkara kakaaste jedhamuun himatame.

Manni murtii Federaalaa Itiyoopiyaa duraan himannaa shorokeessumaa kan irratti dhiyeessse ennaa ta’u, booda irra garuu yakkaan himatee erga bara 2015 to’annaa jala oolee qabee mana hidhaa keessa jira.

Caamsaa 25 immoomanni murtii dubbi himaa gareemormituu Yonataan Tesfaayee yaada Facebook irratti maxxanseen shorokeessummaa jajjabeesse jechuun hidhaa waggaa ja’aa fi walakkaa itti mure. Yeshwaas Asaffaa kan prezidaantii Semaayaawii Paartii ta’uun haaraa filatame murtiin kun qaanessaa dha jedhu.

Caamsaa 26 immoo Tufaa malkaa fi Kadir Badhaasoo ayyaana Irreechaa Onkoloolessa 2016 geggeessame irratti haasaa dubbii kakaasu iyyanii dhageessian jedhamuun himataman. Dargaggoo Dammadaa Waariyoo illee maaykraafoonii butuu dhaan “down, down, Woyane” jechuun dhaadate yeroo ammaa baqa irra kan jiru ennaa ta’u galmee mana murtii irratti maqaan isaa hin tuqamne. Gamadaan VOAf akka ibsetti kan maaykaaafoonii butee mormii koo dhageessise ana maaliif namoonni sun akka himataman naaf hin galle jedhe.

Dhiyeenyaas sababaa qormaata ijoollee jeequu mala jedhamuun interneetiin adda cituun isaa ni yaadatama.

Gabaasa haaraa waaltaan kaarneegii Endowment for International Peace jedhamu hawaasa siivilii irratti fuulefachuu fi yaada ofii walabummaan ibsuun ugguramuun Itiyoophiyaa keessatti waanuma baratame ta’ee jira jedha.