Humnoota Tigraay Bojinee Lafa Naannoo Daangaa To'annee Jirra: Angawaa

  • VOA

Prezidaantii bulchiinsa naannoo Amaaraa, Obbo Tamasgeen Xurunaa

Naannoo daangaa Amaaraa irra kan jiran Sorooqaa fi Qirqaar keessatti wal waraansa gaggeeffameen humnootiin Adda Bilisummaa Uummata Tigraay hedduun nagaan harka kennuu prezidaantiin bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Tamasgeen Xurunaa ibsanii jiru.

Walakeessa halkan Robii darbee kaasee hanga Kamiisa har'a ganamatti haleellaa irra deddebi'ee nu irratti gaggeeffamaa ture jiraatuus tarkaanfii deebisanii haleeluu fudhanneen

naannoo sanaa iddoon jiran martii to'annaa humna addaa bulchiinsa isaanii jaluusjala ooluu ibsanii jiran.

Akka waraanan kanneen Tigraay irraa ergaman dudda itti garagalchanii nu waliin waraanaa turan jedhu Obbo Tamasgeen Xurunaa.