Embaasii Yunaaytid Isteets: Karaa Nagaan Yaada Ofii Walaba Ta’anii Ibsachuun Mirga

Hiriirri mormii Oromiyaa keessaa nagaan geeffamuun mirga seeraan kennamee fi gama siyaasaan hirmaannaa gochuudha jechuun Embaasiin Yunaaytid Isteetes ibsa baasee jira.Hiriirri mormii kun nagaan gaggeeffamuun fi humnootiin nageenyaas uummanni akka hiriiruuf ehamuun isaanii akkuma nu ajaa’ibsisee duutii hiriirtootaas ta’e hokkarri uumamee nu gaddisisee jira jedha ibsi ba’e.

Mormiilee dhiheenya kana geggeessaman irratti namoota ajjeefamaniif itti-gaafatamoo kanneen tahan adda-baasuuf qorannaan ifa tahe geggeessamuun barbaachisaa tahuu Itiyoophiyaatti Embaasiin Yunaayitid Isteets ibsa baaseen hubachiisee jira.

Mootummaan Itiyoophiyaa mirga lammiwwan yaada ofii bilisummaan ibsachuu akka eyyamu lammiwwan guutummaa biyyatti keessaa karaa nagaan yaada ofii ibsuu akka itti fuufan jajjabeesiina jedhe.Lammiwwan biyyatti dhimmootii barbaachisoo ta’an irratti akka waliin dubbatan gaafate.

Gabaasaa ergamee caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Embaasii Yunaaytid Isteete: Karaa Nagaan Yaada Ofii Walaba Ta’anii Ibsachuun Mirga