Kanneen Dhiittaa Mirga Namaa Raawwatan Itti Gaafatamu: Komiishina Mirga Namaa Itiyoophiyaa

  • VOA

Komiishinerri mirga namaa Itiyoophiyaa Dr. Addisuu Gebre Igzaabeer tuuta oduuf ibsi isaan har’a kennan gaaffile dhimmootii hedduu irratti ka’eef kan deebiin itti kenname ture.

Magaalaa Moyaalee fi naannoo isheetti sabatiinsi dhabamuun itti fufee jiru fi lubbuun namaa baduun gaaffilee ka’an keessaa ti.Baatilee hanga tokko dura raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii fudhataniin lammiiwwan ajjeefamaniiru. Walitti bu’iinsa dhiyeenya uumameen immoo akkasuma lubbuun lammiiwwanii bade jira. Waa’ee kanaa kan gaafataman komiishinerichi dhimmi isaa qoratamaa jira jedhan.

Akkuma jedhame haleellaan raawwatameera. Lammiiwwanis miidhaaniiru. Qorattoonni keenya yeroo ammaa torban tokko oliif gamas jiru.gabaasa isaaniis nuu fidanii deebi’u. tarii ba’ii qorannoo Sanaa dura waanan jedhu hin qabaatinuu malee, gabaasi qorannaa Sanaa garuu itti gaafatamummaa kan qabu mirkaneessuu akka qabu amantii komishinichaa ti. Itti gaaftamummaa kan nuti jennu tapha jechootaa miti. ykn immoo labsii siyaasaa miti. itti gaafatamummaa mirkaneessuun nuti akka biyyaatti nagaan akka jiraannuuf haqa miraneessuu gama ilaaleen gumaacha ol aanaa qaba amantii jedhu qabna jedhan.

Komaand post ibsa kana dura kenneen yakka saa kan raawwatan miseensonni raayyaa ittisa biyyaa to’annaa jala ooluu isaanii fi hidhannoo hiikkachuu isaanii fuula murtiitti akka dhiyaatan beeksisee ture. Kanneen itti gaafataman yoo jiraatan jechuun gaaffii dhiyaateef.

Fakkeenyaaf bulchiinsi Geedi’oo guutummaatti itti gaafatamaa ta’eera. Naannoo Amaaraa bakka tokko tokkotti kanneen haleellaa raawwatanis itti gaafatamoo ta’aniiru. Naannoo Oomiyaa keessatti poolisoonni haleellaa raawwatan akka itti gaafataman ta’eer jedhaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Kanneen Dhiittaa Mirga Namaa Raawwatan Itti Gaafatamu: Komiishina Mirga Namaa Itiyoophiyaa