Kutaa Joorjiyaa Keessatti Namnii 8 Kaleessa Ajjeefaman

  • VOA

Yunaaytiid Isteetes kutaa Jorjiyaa keessatti Kiibxata kaleessaa dhukaasa banamee lubbuu nama saddeeti galaafatee sanaaf polisiin nama shakkamaa tokko kaleessa galgala to'annaa jala olchee jira.

Kanneen ajjeefaman 8 keessaa 6 dubartoota biyyoota Eshiyaa ta'uun ibsamee jira.Ministriin dantaa alaa kan Koriyaa Kibbaa akka jedhutti kanneen ajjeefaman keessaa 4 hidda dhalata isaa kan qaban ta'u ibsee jira.

Itti gaafatamtuun preesii kan masaraa Waayiit Hawuus Jeen Saakii har'a ganama ibsa baasaniin ajjeechaa hamaa kana kan ilaaleen prezidaant Baaydiniif halkan edaa ibsii kennemeefii jira.

Bulchiinsa magaalaa Atlaantaa fi Tika nagaa biyooleessaa waliin qunnamtiin akka jiru ibsamee jira